Do For Tomorrow

Do For Tomorrow There is a life, after worldly life!

Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم) akkana jedhan, "Irra jaalatamaan jechaa/ dubbii gama Rabbiitti afuri.Isaanis:◆. Rab...
15/07/2026

Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم) akkana jedhan, "Irra jaalatamaan jechaa/ dubbii gama Rabbiitti afuri.
Isaanis:
◆. Rabbiin qulqullaye (waan isaaf hin malle irraa)
◆. Faarun/ galanni Rabbiifi.
◆. Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkocha malee kan biraa hin jiru
◆. Rabbiin guddate kan jedhu yoo ta'u, isaan keessa kanuma feeten yoo jalqabde dhiibban inni sirratti qabu hin jiru."
Laaffisaan Rabbi.
Nuuf laaffisi Rabbi!!!
Horaa Bulaa Deebanaa!

QUBA QABDAA?Namni namummaa isaatiin qofa Rabbi biratti kabaja akka qabuu fi ajaja Rabbii fudhatee sodaa isaa qabaachuun ...
11/07/2026

QUBA QABDAA?
Namni namummaa isaatiin qofa Rabbi biratti kabaja akka qabuu fi ajaja Rabbii fudhatee sodaa isaa qabaachuun ammoo irra kabajamaa namaa ta'uu isaa tarii quba qabdaa laata? Eeyyen, quba qabaadhu malee! Namawoo, Rabbi si kabajee teessoo ulfinnaa irras si kaayeera. Kan teessoo kabajaa of jalatti qabu takkaayyuu of jalatti cabsu si mataa keeti. Itti yaadi!

Nabi Muhaammad (صلى الله عليه وسلم) Rabbii irraa nuuf odeessanii Rabbiin akkana jedhe jedhan:
"♥︎. Gabroottan tiyyawoo, ani miidhaa/ roorroo ofii kootirrati laguu taasise. Akkasumas jidduu keessanittillee laguu taasise. Kanaafuu wal hin miidhinaa!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, Cufti keessanuu jalloodha, nama ani isa qajeelche malee. Kanaaf akka isin qajeelchu na gaafadhaa/ kadhadhaa, karaa sirritti isin qajeelchaa!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, Cufti keessanuu beelawoodha, nama ani isa nyaachise malee. Kanaaf akka isin nyaachisu na gaafadhaa/ kadhadhaa, isin nyaachisaa!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, Cufti keessanuu daarodha, nama ani isa uffise malee. Kanaaf akka isin uwwisu na gaafadhaa/ kadhadhaa, isin uwwisaa!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, bar isin halkanii guyyaa keessatti badii/dogongora hojjattan animmoo diliiwwan/ cubbuuwan hundaa ni araarama. Kanaaf araarama na gaafadhaa/ kadhadhaa, isiniif araaramaa/ dhiisaa!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, bar isin na miidhuuf na miidhuu hin dandeetan; akkasumas na fayyaduuf na fayyaduu hin geettan!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, bar osoo jalqabaa dhumti keessan, akkasumas namaa jinniin keessan hundi akka irra qajeelaa qalbii nama tokkootti kan amanan ta'anii amaanuun isanii sun mootummaa koo keessatti waan tokko naaf hin dabalu. Fkn: Nabi Muhaammad (صلى الله عليه وسلم)
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, bar osoo jalqabaa dhumti keessan, akkasumas namaa jinniin keessan hundi akka irra jallataa qalbii nama tokkootti kan jallattan ta'anii jallatuun isaanii sun mootummaa koo irra waan tokkollee narraa hin hir'isu. Fkn: Ibliisa (لعنة لله عليه)
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, bar osoo jalqabaa dhumti keessan, akkasumas namaa jinniin keessan hundi dirree tokko keessatti walitti qabamee hundi isaanii mataa mataan na kadhatanii, hunda isaanitiifuu waan na kadhatan kenneefii kennaan sun waan na bira jirurraa haamma lilmoon bishaan galaanaa buutee baate hir'iftu hin hir'isu!
♥︎. Gabroottan tiyyawoo, bar isheen dalagaawwan keessanii, dalagaa teessan walitti isiniif qaba. Ergasii bu'aa dalagaa keessanii guutee isiniif kaffala. Kanaafuu namni dalagaan isaa gaarii ta'uu arge Rabbiin haa galateeffatuu. Namni dalagaan isaa hamtuu ammoo mataa isaa malee waan biraa hin ajiifatin/ komatin!

عن أبي ذر الغفاري - رضي الله عنه - عن النبي - صلى الله عليه وسلم - فيما يرويه عن ربه عز وجل أنه قال : ( يا عبادي إني حرمت الظلم على نفسي وجعلته بينكم محرما فلا تظالموا ، يا عبادي ، كلكم ضال إلا من هديته ، فاستهدوني أهدكم ، يا عبادي كلكم جائع إلا من أطعمته ، فاستطعموني أطعمكم ، يا عبادي كلكم عار إلا من كسوته ، فاستكسوني أكسكم ، يا عبادي ، إنكم تخطئون بالليل والنهار ، وأنا أغفر الذنوب جميعا ، فاستغفروني أغفر لكم ، يا عبادي ، إنكم لن تبلغوا ضري فتضروني ، ولن تبلغوا نفعي فتنفعوني ، يا عبادي ، لو أن أولكم وآخركم وإنسكم وجنكم كانوا على أتقى قلب رجل واحد منكم ما زاد ذلك في ملكي شيئا ، يا عبادي لو أن أولكم وآخركم وإنسكم وجنكم كانوا على أفجر قلب رجل واحد ما نقص ذلك من ملكي شيئا ، يا عبادي لو أن أولكم وآخركم وإنسكم وجنكم قاموا في صعيد واحد فسألوني فأعطيت كل إنسان مسألته ما نقص ذلك مما عندي إلا كما ينقص المخيط إذا أدخل البحر ، يا عبادي إنما هي أعمالكم أحصيها لكم ثم أوفيكم إياها ، فمن وجد خيرا فليحمد الله ، ومن وجد غير ذلك فلا يلومن إلا نفسه ) أخرجه مسلم في صحيحه.

Namtichi kun boqqoolloo maalirraa eeguuf dhaabbata laata?
28/05/2026

Namtichi kun boqqoolloo maalirraa eeguuf dhaabbata laata?

22/03/2026
Iraanis Rabbi qabdi!
18/03/2026

Iraanis Rabbi qabdi!

07/01/2026

والله يدعوا إلى دار السلام ويهدي من يشاء إلى صراط مستقيم!

Caalan namaa, nama gennoota isaatiif caalaa ta'e!
06/01/2026

Caalan namaa, nama gennoota isaatiif caalaa ta'e!

22/10/2025

"Bakkeen Rabbitti akkaan jaalatamtu taate bakka masjiidaati; irra jibbamtuun bakkeemmoo iddoo gababayaati." kan jedhe ergamaa Rabbiiti.

Maalif sitti fakkaata?.............................................................................................................................................

«أحَبُّ البلاد إلى الله مساجدها، وأبغض البلاد إلى الله أسواقها».

رواه مسلم برقم: (671)، من حديث أبي هريرة -رضي الله عنه-.

The most beloved of lands to God are its mosques, and the most hated of lands to God are its markets.

በአላህ ዘንድ እጅግ የተወደዱ መሬቶች መስጂዶቿ ናቸው፡ በአላህ ዘንድ በጣም የተጠሉ መሬቶች ገበያዎቿ ናቸው።

Address

Pradise
Ogolcho

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Do For Tomorrow posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share