Izedin Ahmedyasen

Izedin Ahmedyasen Like follow

"Manni Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiru. Si'a Sadii Dhiitamee, Si'a Sadeenuu Dhiise"...‼                             ...
28/05/2024

"Manni Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiru. Si'a Sadii Dhiitamee, Si'a Sadeenuu Dhiise"...‼
Husseen H Waayyuutiin
🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁
📌Albart Anistaayin jedhama. Namni kun hayyuu addunyaati. Biyya lafaa kanaaf bu'aa guddaa buusee darbe. Saayintistii beekamaadha. Gaaf tokko osoo inni miilaan magaalaa keessa deemu dargaggoonni isa arganii, ilaali Anistaayin jedhanii walitti agarsiisanii. Inumaa rukutuuf murteessan.

📌Akkuma waliif galaniin inni tokko fiigee dhaqee duubaan dhiite. Anistaayin ilaaleetuma callisee deeme. Xiqqoo yeroo inni achi deemu gurbaan kun ammas fiigee dhaqee dhiite. Anistaayin ilaaleetuma callisee imala isaa itti fufe. Erga inni xiqqoo achi fagaatee booda, gurbaadhumti sun fiigee dhaqqabee si'a sadaffaaf dhiite. Yeroo kanas Anistaayin ittuma dhiise.

📌Namoonni baay'een garuu Gocha kana arganii rifatan. Maaliif ofirraa hin dhoorgitu yookiin maaliif seeratti hin himanne? jedhaniin. Anistaayin ni deebiseef, namticha kana ofirraa dhoorkuuf yeroo isaa hin qabu. Ofirraa dhorka jedhee yoo wal'aansoo waliin qabe, bakka itti deemaa jiru yeroon karoorsetti hin gahu. Seeratti himachuuf ammoo, manni murtii Harree itti himatan hin jiru. Kan nama dhiitu Harreedha, jedheenii bira kutee deeme.

📌Yartuu gita kee hin beekne hundaaf deebii hin kennin. Yaartuu hanga xumuraatti injifachuuf galma qabattee kaatee osoo hin sharafin milkeessii. Of dura tarkaanfadhu nama koo!

👉Osoo jennuu hardhi guyyaa dhaloota Anistayin.

Kan Dubbiserraa Isiniif Qoode..........🖊
H Waayyuu

💥❤️🌷 Vacation Time ❤️ 🌷💥█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓ ┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃┈┃⠀╰█▓▒░M...
26/05/2024

💥❤️🌷 Vacation Time ❤️ 🌷💥█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓
┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏
╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮
╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯
┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃
┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃
┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█

• Today's the best Photo 🍂🌻•🔴 Beautiful      🍂                                          🍂
26/05/2024

• Today's the best Photo 🍂🌻
•🔴 Beautiful

🍂






🍂





💚💚♥️♥️💖💖
26/05/2024

💚💚♥️♥️💖💖












African countries with most UNESCO heritage sites1)- Ethiopia 🇪🇹 112)- South Africa 🇿🇦103)- Tunisia 🇹🇳  9 4)- Morocco 🇲🇦...
23/09/2023

African countries with most UNESCO heritage sites

1)- Ethiopia 🇪🇹 11

2)- South Africa 🇿🇦10

3)- Tunisia 🇹🇳 9

4)- Morocco 🇲🇦 9

5)- Senegal 🇸🇳 7

6)- Tanzania 🇹🇿 7

7)- Kenya 🇰🇪 7

8)- Egypt 🇪🇬 7

9)- Algeria 🇩🇿 7

30/09/2022
04/06/2022

Dubartii akkanaa moo🙆‍♂️
▬▬▬▬▬▬▬
1. Osoo Online fayyadamtuu 'Hi!' siin jedhe!
2. Deebii osoo hin deebisiniif profile isaa ilaalte!
3. Uffanni isaas ta'ee, dhaabbiin isaa ni miidhaga.
4. Irra deebi'ee Hi! jedhe.
5. Amma garuu gammachuun deebifteefi.
6. Yaada waljijjiiruun jalqabdan.
7. Qaaman walarguuf beellamni qabame.
8. Uffata gaarii uffattee, urgooftuu dibattee qophooftee dhaqxe!
9. Bakka bashannanaa gaariitti si fudhatee qajeele.
10. Yeroo gaarii dabarsuu jalqabdan!
11. Harka kee jaalalaan qaqqabe. Qoosadhaan si kofalchiise!
12. Ija kee ija jaalalaatiin ilaalee gammachuu si soora.
13. Wal beekumsa cimaa qabaachuun sitti dhaga'ame.
14. Karaa manaa isaa akka deemuu qabdan sitti hime, waliif galte!
15. Gammachuun akka sitti dhaga'amu godhe!
16. Jaalalaan hidhii kee dhungachuu jalqabe!
17. Sirrii akka hin taane osoo beeytuu gammachuun sitti dhaga'ame.
18. Kabajaan gara sireetti si fudhate!
19. Mormuuf humna dhabde!
20. Wanti biraa haa hafu, karaa ittisaa fayyadamuuf yaada dhiheessite.
21. Humna fedhiitiin waan guutamteef sitti dhaga'amuu hin dandeenye.
22. Ni Jaalatte, gammachuus argatte.
23. Qabbaneessituu keessaa bishaan qorraa siif fidee ofiisaatii si obaase.
24. Kabajni siif kennu baay'ee si booji'e.
25. Akka carra qabeettiiitti of lakkoofte.
26. Dhiira barbaaddu akka argatteetti sitti dhaga'ame.
27. Uffata kee uffatte!
28. Gara manaatti hammatee si gaggeesse!
29. Boqoo kee dhungatee yeroo gaarii akka dabarsitan sitti hime.
30. Adeemsaaf maallaqa harka keessa si kaa'e.
31. Fuula ifaadhaan "boru walhaa arginu bareedaakoo" jetteen!
32. Inni garuu deebii siif hin kennine!
33. Gammachuun akkuma fuulli kee ifetti deemtee mana geesse.
34. Gammachuun akkuma mana geesseen ergiteefi.
35. Online ta'us deebii siif hin deebifne.
36. Bitaa sitti galee irra deebiin barreessiteefi!
37. Ammas deebiin hin jiru.
38. Daqiiqaa booda yoo ilaaltu Toora online hunda irratti taatee jirta.
39. Block akka taate sitti beekame!
40. Guyyaa, torban, jiini darbe!
41. Miidham

29/05/2022
13/05/2022

Kitaaba G/Pro. Mihiratuu Shaanqoo keessaa kan fudhatame, jechoota sammuuf soorata ta'an dubbisaa!!
=========
✍️Namoonni baay'een gaafuma dhalatan du'an. Muraasni immoo gaafa du'an dhalatu. Ati hoo?

✍️Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin jiru.

✍️Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu.

✍️Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ibsa.
Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of
awwaaluu= Of wallaaluu. Of wallaaluun of Awwaaluudha.

✍️Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha.
✍️Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namaati.

✍️Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalata malee.

✍️Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu daangaa si ceesisa?

✍️Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa?

✍️Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattudha.

✍️Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa mufachuun injifatanii miti.

✍️Ilaamee!! Addunyaan sammuukee fi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti.

✍️Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata.

✍️Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofaadha.

✍️Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa.

✍️Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuukee caalaa dirree itti injifatte keessatti duutee awwaalamuu siif wayya.

✍️Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni.

✍️Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru akkasumas tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru.

✍️Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha. Sammuu
hidhamaadhaan addunyaa hiikamaa keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa qabaachuu wayya.

✍️Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta taanaan, har'a iyyu namatu siif
hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta.

✍️Of booda hin ilaaliin! Booriikee namni siif ilaalu hin jiruu
yoo isinitti

tole namoota jaallattaniif qoodaa!

JAALALA HAYYOONNI               AKKAMITTI IBSU 💞"Jaalalli amantaa malee duungoo qilleensa gubbaatti qabsiifameedha." Tom...
13/05/2022

JAALALA HAYYOONNI AKKAMITTI IBSU

💞"Jaalalli amantaa malee duungoo qilleensa gubbaatti qabsiifameedha." Tomas Medilton

💞"Warra jaalalaan kufaniif guulli harkisa lafaa itti hin gafatamu." Albert Anestayin

💞 "Jaalalli uuman kan badhaafamaniidha, kan milkaa'u garuu yoo sirnaan qabanii itti deemaniidha." Aristootil.

💞"Jaalalli humnaan, ariifannaa, mormii fi dirqamaan miira hin moo'atamneedha." Agata Christ


💞"Jaalala keessatti injifannoon jiru moo'achuudha." Napoleon Bonaparte

💞 "Jaalalli kiisii qarshii keessa godhan kan ofirraa hin qabne daa'ima qullaa isaa jiruudha." Avid

💞 "Jaalalli iddoo guddaadha malee hidhii keessa kan jiruu miti." Tenson

💞 "Jaalalli sareenumti irree akka walaloo uumtee iyyiituf humna kan of keessaa qabuudha." Francis Bom

Izedin AIzedin Ahmed YasenaIzedin Ahmed YasenIzedin Ahmed Yasen

08/05/2022

Address

Oromiyaa

Telephone

+251939185806

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Izedin Ahmedyasen posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Izedin Ahmedyasen:

Share