25/10/2026
LEENJII ADDAA HOGGANTUMMAA !
Hoggantoota har’aa qofa osoo hin taane, hoggantoota boruu jijjiirama fidaniif qopheessuun dirqama keenya.
Hoggantoonni gaariin dhalatanii qofa hin argaman; beekumsa, leenjii, muuxannoo, naamusaa fi of-qopheessuu cimaadhaan ijaaramu.
Hawaasni hoggansa gaarii qabaate guddina; dhaabbanni hoggansa gaarii qabaate bu’aa olaanaa galmeessa; biyyi hoggantoota mul’ata qaban, murannoo qaban, itti gaafatamummaa fudhatanii fi uummata isaanii tajaajilan qabdu gara fuulduraatti tarkaanfatti.
Kanaafuu, TV MO’AA’n leenjii addaa mata-duree “HOGGANTUMMAA” jedhuun qopheessuun, namoonni dandeettii isaanii guddifachuu, beekumsa haaraa horachuu fi jijjiirama gaarii dhaabbilee, hawaasaa fi biyya isaanii keessatti fiduu barbaadaniif carraa guddaa uumuu irratti hojjechaa jira.
Kaayyoon keenya leenjii tokko qopheessuu qofa miti. Kaayyoon keenya namoota of beekan, itti gaafatamummaa fudhatan, murtii sirrii kennan, namoota biroo kakaasan, rakkoolee furuun bu’aa qabatamaa galmeessisan ijaaruu dha.
Hoggansi aangoo qabaachuu qofa miti; itti gaafatamummaa fudhachuu, namootaaf fakkeenya ta’uu fi jijjiirama gaarii fiduu dha.
Ani, Daayirektara Ol'aanaa TV MO’AA ta’ee, hawaasni keenya carraa akkasii akka itti fayyadamu, dargaggoonni keenya dandeettii isaanii akka guddifatan, akkasumas hoggantoonni keenya tajaajila bu’a qabeessa kennan akka baay’atan nan amana.
Kanaafuu, namoota hoggansa isaanii cimsachuu, beekumsa isaanii guddisachuu fi garaagarummaa gaarii uumuu barbaaddan hundaaf waamicha koon taasisa.
Carraa kana itti fayyadamuun Baradhaa, of ijaaraa, dandeettii keessan guddifadhaa; jijjiirama biyya keessanii keessatti gahee keessan bahadhaa.
Waanti guddaan nuti dhaloota dhufuuf dhaalchifnu qabeenya qofa miti; beekumsa, naamusa, mul’ataa fi hoggansa gaarii dha.
TV MO’AA’n karaa miidiyaa, leenjii fi carraawwan garaagaraatiin guddina namaa fi jijjiirama hawaasaa deeggaruuf kutannoodhaan hojjechuu itti fufa.
Leenjii addaa hoggansaa kana kan kennan hayyuu keenya, nama guddaa fi kabajamaa biyya keenyaa Luba Professor Gammachiis Dastaa yoo ta'an,
namoonni hoggansa cimsachuu, beekumsa guddifachuu fi dandeettii hoggansaa fooyyeffachuu barbaaddan hundi carraa guddaa kana akka itti fayyadamtan kabajaan isin afeerra.
Carraa kanarraa hin dhabinaa, Baradhaa, of ijaaraa, beekumsa haaraa horadhaa, dandeettii keessan guddifadhaa; jijjiirama gaarii hawaasaa fi biyya keessan keessatti fiduuf of qopheessaa.
📍 Bakka: Finfinnee, Naannoo Saamiit 'Cambridge Academy Ethiopia'
📅 Guyyaa: Onkoloolessa 21, 2019 A.L.I. (October 31, 2026)
🕒 Yeroo: Ganama sa’aatii 3:00 irraa eegalee hanga sa’aatii 10:00tti.
🎁 Leenjiin, laaqanni fi geejjibni hirmaattotaaf bilisa.
📞 Amma galmaa’aa:
• 0951 242424
• 0951 848484
TV MO’AA — JIREENYA MO’IICHA F!
NIMOONAA ITTAANAA GALMOO
Daayirektara Ol'aanaa TV MO’AA